Abdi Health Kutaa 2ffaa
Apr 15, 2023
Garaa kaasaa/yaasaa yoo isin qabe manatti maal gochuu qabdu? Akkuma beekamu
waqtii ayyaana fi soomanaa kana rakkoon kun baay’ee heddummaata. Yoo namarra
tures rakkoo hamaaf nama saaxiluu danda’a. Kanaaf rakkoon kun yoo isin quunname
wanti gochuu qabdan/hin qabne1. Bishaan sirriitti dhugaa2. Wantoota baay’ee
mi’aawoo tahan amma isin irraa dhaabatutti dhiisaa3. Nyaata coomaafi zayita
hedduu qabu yeroof hin fayyadaminaa4. Bunaafi alkoolii yeroo muraasaaf amma
isinirraa dhaabatutti hin fayyadaminaa5. Shoorbaa soogiddaan dhuguun ni
jajjabeeffama6.dhangala’aa ORS jedhamu faarmaasiirraa bitadhaa dhugaa.
Namni tokko yoo akkam ta’e mana yaalaa deemuu qaba?✓ Garaa kaasaan guyyaa
lamaa oliif yoo irra ture✓ Sababa garaa kaasaa hamaan yoo of dadhabe✓ Garaa
kaasaa dhiigaan walqabate yoo ofiratti argan✓ Garaa dhukkubbii hamaan yoo isin
dhukkube✓ Ho’ina qaamaa olaanaa yoo qabaattanGaraa kaasaan daa’imman irratti
bay’inaan kan baay’atu yoo tahu, irra caalaan garaa kaasaa daa’immanii sababa
vaayirasii irraan kan ka’e kan dhufudha. Kanaaf daa’immaan garaa kaasaan qabate
tokko harmeen tokko sirriitti harma luugsisuu qabdi. Akkasumas, wantoota
mi’aawwaa ta’an kennuufiirraas yeroof of eeggachuu qabu.
